Naannoo Tigraayitti ajjeechaa, beelaa fi hanqina qorichaan namoonni du'an meeqa?

Taankii daandii cinaa barbadaa'ee ciisu

Madda suuraa, Getty Images

Dhiyoo kana Beeljiyeemitti Yunivarsiitiin Ghent Naannoo Tigraayitti ajjeechaa, beelaa fi qoricha dhabuun hamma yoonaa namoonni nagaa 300,000 hanga 500,000 tahan du'aniiru jechuun bu'aa qorannoo ifa baaseera.

Qorannoo kana olaantummaan kan hogganan Piroofeesar Jaan Neesan yoo tahan, erga waraanni jalqabee haala Tigraay keessa jiru hordofaa ture jedhaniiru.

Piroofeesar Jaan kana dura Naannoo Tigraayiifi yunivarsiitiwwwan naannolee birootti dhiqamuu biyyee irratti qorannoo hojjechaa akka turan himanii, waraanni kuni erga eegalee as Maqalee dabalatee maddoota odeeffannoo gandoota baadiyyaa fayyadamuun lakkoofsa namoota du'anii akka galmeessan himu.

Mootummaan Federaalaa TPLF waliin lolatti kan gale bara 2013 A.L.I gaafa Onkololeessa 24 dha. Yeroo kanaa kaasee waraana kanaan namoonni meeqa akka du'an odeeffannoon qindaa'aa ifatti beekamu hin jiru.

Piroofeesar Jaan qaawwa kana hubachuun, ''waayiloota koo waliin tahuun waraanichi erga jalqabee ajjeechaawwan raawwataman hordofuufi walitti qabuuf murteessine,'' jedhu.

Akka ibsa isaaniitti, odeeffannoo ajjeechaa jumlaa raawwateefi eenyummaa namoota du'anii walitti qabuu danda'aniiru.

''Yeroo tokko tokko iddoo fi yeroo itti ajjeefaman qulqulleeffachuun rakkisaa ture, namoonni gariin guyyaa akka lakkoofsa Itoophiyaatti sitti himu. Kunneen danqaa nutti tahanii turan. Tahus odeeffannoo hundayyuu karaa garagaraan qindeeessuu fi mirkaneessuu yaallerra,'' jedhu.

Karaa kanaan naannoo Tigraayitti ajjeechaa jumlaan namoonni ajjeefaman kuma 50 hanga kuma 100 akka gahan dubbatu.

Piroofeesar Jaan qorannoo isaanii keessatti namoota beelaan du'an dabaluu ibsuun, haala kanaan namoonni kuma 400 hanga kuma 900 beelaan du'uu akka danda'an tilmaama qaban kaa'aniiru.

Hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Teedroos Adihaanoom mootummoonni Itoophiyaa fi Eritiraa uummata miiliyoona jaha kan Naannoo Tigraay jiru haala ifa hin taaneen ugguraniiru jechuun dubbataniiru.

Akka UN jedhutti namoonni miiliyoona 5.2 tahan deeggarsi yeroo atattamaa kan eeggataa jiru yoo tahu, miiliyoonni walakkaa ammoo beela hamaaf saaxilameera.

Televizyiniin Tigraay itti gaafatamaa waajira dhimmoota hawaasummaa Tigraay Obbo Mulugeetaa Dabaalqaw eeruun gabaasa dhiyeesseen, ''gargaarsi yeroo dhiyootti hin qaqqabu yoo tahe uummanni Tigraay walakkaa ol tahu ni dhuma,'' jedhee ture.

aerial view taken on November 21, 2020 shows a cemetery where alleged victims of the November 9, 2020 massacre were buried in collective graves, in Mai Kadra, Ethiopia

Madda suuraa, EDUARDO SOTERAS

Ibsa waa'ee suuraa,

Owwaalcha jumlaa Maay Kaadiraa

Itti gaafatamaadhumti kuni, ''uggurri hammaachaa deemuusaan nuti baduutti jirra, kuni hamma Eblaatti yoo itti fufe uummanni walakkaa Tigraay ni dhuma. Baay'een isaanii hanqina qorichaan du'aa jiru. Maatii isaaniif waantota bu'uraa kennuu warri hin dandeenye immoo of ajjeesaa akka jiran gabaasni nu qaqqabaa jira,'' jechuun dubbataniiru.

Piroofeesar Jaan bu'aa qorannoo isaanii akka ibsanitti, lakkoofsa amma galmeessineerra gahuuf waraanaan dura yeroo turetti lakkoofsa du'aa namootaa ilaaluu isaanii ni dubbatu.

Waraanni erga jalqabee booda odeeffannoo USAID irraa fudhachuufi fayyadamuu himuun, ''namoonni kuma 400 hanga kuma 900 tahan beelaan du'uu akka danda'ani kaa'e,'' jedhu.

Odeeffannoon USAID kuni guyyaatti,''namoota 10,000 keessaa lama akka du'an,'' akka agarsiisu himuun kuni lakkoofsa guddaa akka baasu himu.

Kana malees hanqina qorichaan namoonni du'an akka jiran Piroofeesar Jaan ni hubachiisu.

''Hospitaala Ayidar dhufanii qoricha dhabanii namoota du'an ilaalchisee odeeffannoo qabna. Kuni waanuma xiqqoodha akeeka. Galaanarraa fal'aanaan hanga fudhachuuti.''

Dhaabbanni Fannoo Diimaa Addunyaa kan damee Itoophiyaa, dhaabbileen fayyaa Naannoo Tigraay baayyee barbadaa'uu himee, kan irraa hafan hanqina qorichaafi meeshaalee wal'aansaan sadarkaa hojjechuu hin dandeenye irra gahuu isaanii beeksisee ture.

''Dhaabonni tajaajila fayyaa kennan galteewwan bu'uuraa argachaa hin jiran. Akkasumas, bu'uuraalee misoomaa tokko tokko irratti miidhaan olaanaa qaqqabeera,'' jedhe Dhaabbanni Fannoo Diimaa Addunyaa ibsa gaafa Amajjii 09/2014 A.L.I baaseen.

Fannoon Diimaa hanqinni qorichaafi meeshaalee yaalaa akkasumas barbadaa'uun bu'uuraalee misoomaa fayyaa, walitti ida'amee tajaajilli fayyaa baayyee rakkisaa akka tahu godheera jedha.

Piroofeesar Jaan gama isaaniin qorannoo kanaan namoota hospitaala Ayidar hojjetan dubbisuufi hanqina qorichaan namni meeqa akka du'e odeeffannoo argachuu isaanii dubbatu.

''Fakkenyaaf barataan sareedhaan ciniinamee du'e jira. Talaallii isaa argachuu waan hin dandeenyeef jechuu dha. Yeroo kaan otoo tahee fayyuu danda'a ture. Du'uun irra hin turre.''

Hanqina qorichaan namoonni meeqa akka du'an akkamiin akka qoyyabanis dubbatu.''Yeroo waraanni hin turre wajjin bira qabuun nurra ture, (giraafii lakkoofsa namoota du'anii agarsiisaa) lakkoofsi du'aa hangam akka dabale ilaaluu dandeessa,'' jedhu.

''Bara 1980 yeroo sirni fayyaa ammayyaa hin jiretti, namoota 1000 keessaa namoonni 20 ni du'a ture. Hamma waraanni kuni jalqabutti hammi du'aa nama 1000 keessaa jaha tahee akka ture gabaasonni ni agarsiisu,'' jedhaniiru.

Amma garuu lakkoofsi du'aa dabaleera jedhu Piroofeesarichi, dhaabbileen fayyaa barbadaa'uu, kan jiranis meeshaalee fayyaa dhabuufi ogeeyyii fayyaa malee hafuu isaanii eeruun, ''gara bara sanaatti deebineerra jechuudha, bara yaaliin ammayyaa hin jirretti,'' jedhu.

Dabaluunis, ''akka tilmaama keenyaatti bara nama 1000 keessaa 20 du'utti deebi'eera kan jedhudha. Bara dhiyeessi qorichaa tasa yeroo hin turetti deebina yoo jenne immoo lakkoofsi namoota du'anii nama 1000 keessaa 32 taha. Lakkoofsi kuni waan hakiimonni illee irratti waliigalanidha,'' jedhu.

Yeroo ammaa gargaarsi namoomaa gara naannoo Tigraay galu gadi-aanaa gatii taheefi waraana itti fufee jiruun waan danqamuuf, rakkoon namoomaa hamaa akka uumame dhaabonni namoomaa addunyaa ni ibsu.

Sagantaan Nyaata Addunyaa Tigraay keessatti qofa namoonni miiliyoona 4.6 tahan, jechuunis namoota shan keessaa afur midhaan nyaataaf ta'u eeggatu.

Kana malees mootummaa federaalaa fi humnoonni TPLF gargaarsi namoomaa hin daangeffamne gara naannichaa akka galuuf haala akka mijeessan gaafataa tureera.

Gargaarsi namoomaa gara naannichaa galuufi dhiisuurratti garuu gareen lamaan wal himatu.

Piroofeesar Jaan haalli naannichaa akka kanaan itti fufa taanaan waan kanarra hammaatu mudachuu akka danda'u dubbatu.

''Gargaarsi hin qaqqabu taanaan lakkoofsi namoota du'anii ni dabala, lakkoofsaan akkasi jedhee kaa'uu garuu hin danda'u,'' jedhaniiru.

''Haala hamma yoonaa jiruun tilmaamaan namooti kuma 300 hanga kuma 500 lubbuun isaanii darbeera. Kanaaf kuni hin foyya'u taanaan, lakkoofsi du'aa dachaa baayyee waan dabaluuf namoonni miiliyoonaan lakkaa'aman du'uu malu,'' jedhu.

Sagantaan Nyaata Addunyaa dhuma baatii Amajjii irratti odeeffannoo ifa baaseen uummata Tigraayi keessaa harki 40, ''hanqina nyaataa hamaaf,'' saaxilameera jedheera.

Gabaasni kuni uummata naannichaa keessaa harki 83 nyaata akka fixaniifi kadhaadhaan guyyaatti al-tokko qofa akka sooratan agarsiisa.

Dabalataan lola karaa Affaariin itti fufee jiruun daandiin gargaarsi itti darbu Samaraa-Ab'aalaa akka cufame irra deddeebiin ibsameera.

Dhaabonni idil-addunyaa naannichatti socho'an dhiyeessii gargaarsaa naannicha keessatti qaban dugugamaa jiraachuufi, kuufamni boba'aa waan dhumaa jiruufis gargaarsa iddoo dhaa iddootti geejibuu akka rakkatan himu.

Hanga gaafa Bitootessa 08/2022tis walumaagalatti boba'aa litiroo 600 qofa akka qaban himaniiru.

Gama biraan Sagantaan Nyaataa Addunyaa yeroo ammaa daandii Affaar Aab'aalaa irraan gargaarsi gara Tigraay deemu akka hin jirre himee yeroo dhiyootti garuu qondaaloti mootummaa federaalaa fi Affaar gargaarsi gara naannoo Tigraay akka qaqqabu eeyyamuu mirkaneesseera.